Sadeen Sooddoo Tuulamni Ijoollee sound effects free download

By sadeensooddoo8

3 Downloads

1 months ago

0 seconds

sadeensooddoo8 Sound Effects

About Sadeen Sooddoo Tuulamni Ijoollee Mp3 Sound Effect

Sadeen Sooddoo Tuulamni Ijoollee sadii qaba.Isaanis Daaccii, Bachoo fi Jillee dha. Yeroo mara namooti hedduun gaafa maqaa Sooddoo jedhu dhagayan akka qomoo Guraageetti kan ilaalan hedduu dha. Sooddoon ijoollee sadii godhatee lafasaa maqaasaatiin moggaafatee irra jiraachaa ture. Sadan ijoollee sooddoo; Odituu, Ummee(Tum’e) fi Liiban jedhamu. Lafti Sooddoo naannoo Shawa kibba lixaa, Kibba laga Hawaas (Awaash)irraa hamma Arsiisi fi daangaa naannoo uummattoota kibbaa ga’a. Karaa kaabaa immoo Bachoofi Galaan, Karaa lixaa, Waliisoo wajjin wal daangessa. Giddu galli siyaasaa fi amantii Odaa Nabee yoo ta’u,giddu galli heeraafi seera kan itti tumaniifi labsii labsan Odaa kallachaa jedhama. Aanoti Sooddoo ,Daacii , Walisoo, Tolee, Bu’ii, Qarsa Maalimmaan fi Soddoo Daaccii yemmuu ta’u karaa bahaatiin Maqii dugdaa, karaa kibbaatiin, aanaa bu’iitiin daangeffama. Akkuma armaan olitti ibsuuf yaalle Sooddoon ilma daaccii yeroo ta’u, Daacciin Ilmaan sadii godhate sadan sana keessaa inni tokko Sooddodha Isaan kaan immoo Galaaniifi Aboo jedhamu. Goototni ilmaan Oromoo lakkaa’amanii hindhuman. Isaan keessaa akka fakkeenyaatti Taddasaa Birruu, Abdiisaa Aagaa, Waaqoo Guutuu, Oliiqaa Dingilii fi kan kana fakkaatan yeroo mara kaafna. Egaa goototi kunniin, Ilmaan Oromoo fi lafa Oromiyaa naannoo adda addaarratti kan dhalatan ta’uun beekamaadha. Akkuma kana ilmaan Oromoo damee Tuulamaa warra sadeen sooddoorraa goototi dhalatanis hedduudha. Bara Xaaliyaaniin biyya keenya weerarte gootummaa olaanaa raawwatanii diina biyya weeraruu dhufe wajjin kokkee walqabanii gootummaa isaanii kan mirkaneessan ilmaan Oromoo baayi’ee maqaa dhahuun ni danda’ama. Abdiisaa Aagaa,Jeneraal Taaddasaa Birruu Oliiqaa Dingilfi isaan kaanis maqaa dhahuun ni danda’ama. Gootota Oromoo dame Tuulamaa ilmaan Sadeen Sooddoo keessaa hedduu maqaa dhayuun ni danda’ama. Duula Xaaliyaanii 1ffaa fi 2ffaa irratti kan hirmaateefi Duula Maqaleefi aduwaarratti gootummaa guddaa kan raawwatanii beekkamtii guddaa argatan keessaa kan maqaansaa akka biyyoolessaatti waamamu Baalchaa Safoo (Abbaa Nafsoo) damee Tuulamaa ilma Oromoo hidda Sooddoo ta’uunsaa beekamaa dha. Gootootni Sadeen Sooddoo heddumminaan haa jiraataniyyuu malee akka fakkeenyaatti goota jalqabaa Dajjaazimaachi Baalchaan bulchaa naannoo Sidaamoo Harar ta’uun tajaajilaa turaniiru. Xaliyaaniin lafa abbaa isaanii weeraruuf yeroo dhufe sana rukutuudhaan gootummaa guddaa raawwataniiru. Dajjaazimaachi Baalchaan Soorama ba’anii utuu jiranii Xaaliyaaniin deebitee biyyaa weerartee jennaan dulloomeera jedhanii utuu hin taa’in umrii waggaa 73ffaa isaatti,”… biyyi koo diinaan weeraramtee gabroomuu ishee taa’ee hin ilaalu jechuudhaan, xaaliyaaniitti duulanii utuu lolanii lubbuun isaanii dabarte. Gootonni ilmaan Oromoo Sooddoo isaan qofaas miti, Gootota lafti Sooddoo biqilchite keessaa gootummaa isaaniitiin kan beekaman Dajjaazimaachi Baqqalaa wayyaa Obsees isaan tokkodha. Gootummaa olaanaa raawwataniif maqaa isaaniitiin manni barumsaa finfinnee keessatti moggafamee yaadannoof jira. Gooti ilma Oromoo lafti Sooddoo biqilchite keessaa kan gootummaa isaaniitiin beekaman, Dajjaazimaachi G/maariyaam Gaarii Godaanadha. Gootummaa isaanii kanaafis yaadannoo akka ta’uuf maqaa isaaniitiin magaalaa Finfinnee keessatti kan argamu manni barumsaa Lise G/Maariyaam Gaarii jedhamu maqaa isaaniitiin moggaafame. Yeroo baayi’ee garuu maqaan abbaafi akkaakayyuu isaanii barreessitoota mootummoota dabraniin hin ibsamne. Egaa kabajamtoota dubbistootaa! Gootonni Sadeen Sooddoo baayi’eedha. Kan akka Dajjaa. Ganamee Badhaanee, Fituwararii Merdaasaa Gadaa, Bayyanaa Guddataa ,Gabayyoo Gurmuu, Dajjaa Garasuu Dhukii Haati Isaa Sadeen Sooddoo, Fit Taaddasaa Ganamee, Tafarraa Garasuu, Ambaayee Beenyaa, F/A Xiiqoo Waaqee, Mulugeetaa/Araarsaa/ Badhaasaa, Tigist Maammoo akka fakkeenyaatti kaasuu dandeenya. Sooddoon lafa abbaa isaa Oromoorra kan jiraatuufi aadaasaa kabajee kunuunsee eeggatee hidda sanyii Oromoo Oromummasaatiin boonudha. Galatooma🙏 ✍️Zerihun Wandimmu Maddi Jaarsolii Sadeen Sooddoo
Sadeen Sooddoo Tuulamni Ijoollee Sound Effects Free Download. Sound Effects Downloader To Help You Download The Highest Quality Sadeen Sooddoo Tuulamni Ijoollee Sound Effects Free Download For TikTok Videos. You Just Search Sound Effects And Download.

My You Like It